Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Mana amantaa Ortodoksii keessatti, abbootii amantaa Sinodosii Oromiyaa hundeessan doorsisni qaama bilxiginnaa irraa isaanirra dhaqqabaa jiraachuu himatan

ONM-ABO bitootessa 29, 2023

Koloneel Abiy Ahimed bifa jaarsummaatiin nu gidduu seenee waan hin taane nurratti hojjete kan jedhan abbootiin amantaa kun, doorsisa karaa toora bilbilaa fi qaamaan namoota bilxiginnaa irraa nurra ga’aa jiruun hojii idilee keenya dhaabuu bira darbinee, lubbuu keenyaafuu shakkii guddaa keessa gallee jirra jechuun abbootiin amantaa kun himataniiru.

Akka abbootiin amantaa kun jedhanitti Daqon Daani’el kibiret, Komishiner Araarsaa Mardaasaa fi namoonni Biroo bilbilaan Phaaphaasota Oromoo fi saboota biroo yeroo darbe baay’inni isaanii 25, filamuun sinodosii Oromiyaa fi sabooya biroo akka geggeessan taasifaman irratti bilbiluun phaaphaasummaa ofirraa buufnerraa, monokseetti deebinerraa jedhaatii iyyata iyyaadhaa, yokaan ammoo mallatteessaa galchaa jechuun doorsisa hanga isin ajjeesna jedhutti irraan ga’aa jiru.

Yeroo garaagaraatti qaamonni bilxiginnaa wal ga’ii waamuun  akkasuma immoo bilbilaan doorsisa hamaa irraan gahaa jiru. Isin hiina, isin ajjeefna akka abbootii Gadaa Karayyuutti isin fixna jechuun doorsisa hamaa nurratti gaggeessaa jiru jechuun miira aariin maddeen keenyatti himaniiru.

Phaaphaasonni kunneenis duras kun akka jiru beekanii kan itti seenan ta’uu hubachuun, akkaatuma abbootii Gadaa Karrayyuu walitti qabuun bakka tokkotti fixan sanatti nuunillee nu fixuu danda’u, sodaa du’aaf ammoo duubatti hin deebinu, uummanni keenya kan nuti tajaajila dhugaa tajaajiluuf murannee kaane kana nuuf beekuu qaba jechuun himataniiru.

Yaadni keenya ugguramaadha, miidiyaa kamittuu baanee akka hin dubbannellee uggurri miidiyaa nurratti raawwatee waan jiruuf uummanni keenya itti dhiyeenyaan nu hordofuu qabas jechuun yaada isaanii maddeen keenyaan ga’aniiru.

Exit mobile version