ONM-ABO Eebila 28, 2023
Murni faashistii PP tikoota isaa bobbaasuun sabboontota ilmaan Oromoo bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessaa qabuun hidhee murtoo malee mana hidhaatti dararuu itti fufee jira.
Tikootni faashistii kun aadde Taaddaluu Yoonaas Eebila 11, 2023 magaalaa Finfinnee keessatti qabuun erga mana hidhaa Maayikelaawwii saddaffaa jedhamutti hidhaniin booda barsiisaa Magarsaa Baqqalaa fi kanneen biroo sadii galmee ishee jalatti kibxata darbe Eebila 25, 2023 mana murtii Araddaa 1’ffaatti dhiyaachuun badii tokko malee yakkoota murnichi adaba ittiin argachuu danda’u jedhee yaaduun komataman.
Komee isaan irratti dhiyaate ilaaluun manni murtii ragaalee dabalataa fi kanneen biroo abbaan alangaa itti gaafateen beellama 2’ffaa Caamsaa 4, 2023tti qabaniifii jiru.
Aadde Taaddaluu Yoonaas badii tokko malee murna bilxiginnaa fi bulchiinsa isaan dura ture EPRDF’n hidhamuun dararamaa kan turte yoo ta’u, bara darbe hidhamuun rakkoo fayyaa hamaa ishee mudateen alatti akka yaalamtuuf gadhiifamtee akka turte ni yaadatama.
Murni ilmaan Oromoo ilaalcha siyaasaan yakkee warreen na deggeraa hin jiran jedhu qofa foo’ee hidhuun miidhaa irraan ga’uu tarsiimoo godhatee hojjechaa jiru qondaaltota siyaasaa, hayyootaa fi daldaltoota Oromoo manneen hidhaa garaagaraa keessatti badii isaanii malee dararaa akka jiru ni beekama.

