Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Poolisootni bilxiginnaa diraamaa qopheessuun dargaggoo Oromoo tokko bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessatti qabuun shororkeessummaan himatan 

ONM-ABO Adoolessa 19, 2023

Murni bilxiginnaa tikoota isaa namoota nagaatti bobbaasuun maallaqa guddaa fi meeshaalee waraanaa bira keessisuunii fi waliin hirmaachisuun akka waan yakka sana isaan dalaganitti diraamaa sobaan qabee hidhuu itti fufee jira.

Magaalaa Finfinnee Nifaas Silk kutaa magaalaa Laaftootti dargaggoo Abdoo Malaakuu jedhamu hojii mana daabboo hojjechuun kan of jiraachisu dargaggoo lama Kamisa darbe Adoolessa 13, 2024 itti erguun meeshaa cuqqaalame akka kaa’uuf itti himuun  inni irraa fuudhee kaa’eef.

Jimaata darbe Adoolessa 14 dargaggoo lamaan armaan dura wal beekan kana poolisootni qabanii dhaquun mana sakattaa’anii meeshaa sana fuuchuun boombii mana kee keessatti argine, hojii shororkeessummaa hojjechuufi jechuun reebicha irraan ga’uun qabanii deeman.

Gochi kun torbanoota lamaan kana xiyyeeffannoo uummata hatuuf murni bilxiginnaa poolisoota isaa bobbaasuu boombii, qawwee, uffataa fi waraqaa eenyummaa mana akkasumas konkolaataa namoota keessa kaa’uu qabanii ittiin diraamaa hojjechuun Telezhinii bilxiginnaa fi warreen bilxiginnaan gargaaramaniin dhiyeessaa jiru.

Dargaggoo Abdoo Malaakuus waan inni keessaa hin qabneen diraamaa namootni lama maqaan isaanii Amaanu’el Girmaa fi Dagaagaa Faqqadee jedhaman poolisota waliin ta’uun hojjetaniin qabamee akka hidhame namootni mooraa inni keessaa qabe keessaa turan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. Dargaggoon kun dheengadda Adoolessa 17 mana murtii olaanaa Lidataa ramaddii 1ffaan dhaddacha oolee irratti poolisootni diraamaa ofii qopheessaniin Abdoofaa harkatti boombii F1 50, cancala boombii 58 fi waraqaa eenyummaa jechuun manni murtii akka mirga wabii hin eegneef gaafachuun yaada dhiyeeffatan.

Sirna bilxginnaa keessatti poolisiin, abbaan alangaa fi manni murtii hojii siyaasaaf galtee waan ta’u waan hojjetaniif yaada himatamtoota kuffisuun beellama biraa qabuufiin mana hidhaatti akka deebi’an taasisuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version