Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Leenjiin humnoota tikaa fi leenjistoota miliishaaf magaalota gara garaa keessatti kennamaa ture xumurame 

ONM-ABO Caamsaa 1, 2023

Maqaa Araaraa of dura qabachuun hojii goyyomsaatti kan jiran kaadiroonni PP Oromiyaa magaalaalee akka Adaamaa fi Naqamtee keessatti guyyoota 15f leenjii kennaa turan xumuruu odeessi keessoo bilxiginnaatii ba’e  ni addeessa.

Akka Odeessi keessoo bilxiginnaatii ba’e addeessutti aanota Oromiyaa hunda irraa namoota shan shan walitti qabuun leenjii kennaa kan turan yoo ta’u, leenjistoonni baay’inni isaanii 2700 ta’an leenjii kana leenjisaa turaniiru.ABO ganuun PPtti kan galan qondaalonni ABO duraanii leenjii kana irratti bifa leenjisaatiin hirmaataa kan turan yoo ta’u, icciitiin akka hin baaneefis guyyoota kana hunda bilbila irraa guuruun leenjisaa turaniiru.

Qabiyyeen leenjii kanaa inni gurguddaan
_ Aanota hunda irratti akkamittiin miliishaa leenjisuu akka qaban
_ Bakkoota WBOn socho’u hundatti uummata qarshiin bituun uummanni WBO dura akka dhaabbatu gochuu
_ Marii nageenyaa fakkeessuun caasaa WBO uummata keessa jiru adda baafachuu
_ Hooggansi WBO bakka ni argama jedhamee shakkamu maratti baajata guddaa dhangalaasuun rukkunnee yeroo dhiyoo keessatti injifannoo keenya addunyaaf labsuu qabna waan jedhu of keessaa akka qabus nuuf ibsaniiru.

Kallattuma leenjii irraa isaanitti kennameen hojii kan eegalan amanamtootni Abiy Ahimed baha Oromiyaa godinaalee Harargee lamaan keessatti dirqamaan nama ukkaamsuun leenjii milishaaf qopheessaa jiraachuu odeessi kun eeree jira.

Marii araaraa kanaan dagachiisuun bakkoota kanaan dura gadhiifnee turrellee qabachuu qabna jechuun dabballoota aanaalee irraa dhufanitti dirqama jajjabduun itti kennamuus odeessi kun dabaluun addeesseera.

Exit mobile version