Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar keessatti murni bilxiginnaa dargaggoota dirqamaan leenjii milishummaa leenjisuuf karoorfachuun beekame

ONM-ABO Fulbaana 6, 2024

Gareen faashistii PP ilmaan Oromoo dirqamaan qabee leenjisuun teessoo isaa eegsifachuuf tattaafatu, ilmaan Oromoo xinnaa guddaa osoo hin jenne funaanaa jira.

Bilxiginnaan raafama hamaa keessa seenuun akka waan  qawween kufaatii isaanii irraa isaan oolchuutti fudhachuun, maree fi marabbaa malee uummata bulchuun akka danda’amutti yeroo irraa gara yerootti miidiyaa fi dabballoota of harkaa qabaniin lallabaa oolan jabeeffachuuf ilmaan haadha hiyyeessaa gara leenjii waraanaatti guuruu jabeessanii itti fufanii jiru.

Baha Shaggar aanaa Dugdaa gandoota baadiyyaa 35 ol ta’an keessatti marii guyyoota lamaa jechuun Fulbaana 3 fi 4, 2024  irratti taasisaniin hawaasa nagaa hojii isaa hojjetu namoota waraanaaf hin malle humnaan qabuun waraanaatti erguuf karoora baafatanii hojjechaa jiraachuu odeessi keessoo Bilxiginnaatii ba’e ni addeessa.

Gandoota aanichaa hunda keessatti namoota milishaaf jechuun saalaa fi umuriin osoo adda hin baasin ganda tokko irraa namoota torbaatama torbaatama addatti immoo magaalaaf nama soddoma soddoma qopheessuu qabdu jechuun dirqamni kennamee jiraachuu odeessi keessoo isaanii ONM qaqqabe ni addeessa.

Exit mobile version