Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Wal-waraansi Sudaan keessatti gaggeeffamaa jiru hammaachaa deemuun, baqattootni Oromoo Kaartuum keessatti argaman danqama jabaa keessa jiraachuu beeksisan

ONM-ABO Caamsaa 3, 2023

Ibiddi Ebla 15, 2023 Sudaan keessatti shidame baballatee boba’uun, biyyattii gubbaa hanga gadii, handhuuraa hanga handaara isheetti faca’ee gubee balleessaa kan jiru yoo ta’u, qaamonni gurguddoon ibidda biyyoota hedduu keessatti belbelu dhaamsuutti beekaman illee, labooba Sudaan keessatti lubbuu lammiilee hedduu barbadeessaa jiru kana dhabamsiisuu dadhabuun irraa siqanii harka maratanii waan ilaalan kan fakkaatu yoo ta’u, gariin ammoo dantaa isaanii keessatti eegsifachuuf hammeessaa jiru.


Haaluma kanaanis lolli jabaan Sudaan keessatti gaggeeffamaa jiru har’a, bor dhaabbata osoo jedhamuu baatii lakkoofsisuuf guyyootni muraasni kan hafan yoo ta’u, haguma turtiin lolaa biyyattii keessatti adeemsifamaa jiru dheerachaa jiruunis jiruu fi jireenyi lammiilee Sudaan akkasumas baqattoota biyyoota ollaa Sudaan keessa jiraatanii manca’aa deemuun rakkoon ulfaattuun dhalachaa jirti.

Sababa lola Sudaan keessatti taasifamaa jiruun rakkoo hedduu keessa jiraachuu isaanii gabaasnee kan turre baqattootni Oromoo Sudaan, haalli lolichaa jabaataa deemuu irraan kan ka’e, carraa ittiin Oromiyaatti deebi’uus ta’e, biyyoota ollaa birootti baqachuu dhabuun hanga har’aatti biyyattii keessatti gidiraa argaa jiraachuu dubbatu.


Keessattuu baqattootni Oromoo Sudaan Kaartuum keessatti argaman hiree hamtuu dhamdhamaa kan jiran yoo ta’u, baqattootni hedduun tibba lolichi eegale magaalota Sudaan bulchiinsa Kaartuum jala hin jirre Madanii, Jaziiraa, Poortsudaanii fi Kasalaatti baqachuun, kaan ammoo biyyoota ollaa Masrii, Chaadii fi sudaan kibbaatti baqatanis, kanneen Kaartuum keessatti hafuun rakkachaa jiran garuu hiree ittiin rakkoo kana miliqan dhabanii akka malee dararamuun watwaachaa jiraatanillee, Dhaabbata mirga namoomaa dabalatee UNHCR fi UN dhimma baqattoota Sudaan keessa jiranii irratti dubbii tokkollee dubbachuu dhabuun egeree baqattoota Oromoo fi kanneen Sudaan keessatti argamaniif yaaddessaa ta’uun himameera.

Exit mobile version