ONM-ABO Caamsaa 8, 2023
Biltsiginnaan ilmaan Oromoo kumaatamaan manneen hidhaa impaayerattii cufatti sassaabuun hiraarsaa kan jiru yoo ta’u, irra jireessi ilmaan Oromoo manneen hidhaa PP keessa jiraniis namoota sababa hidhamaniif hin beekne akkasumas himati irratti banamee dhimmi isaanii mana murtiin hordofamaa hin jirre hoggaa ta’u, bifa kanaanis Oromoonni Oromummaa isaaniin yakkaman danuun mana adaba shiraa keessatti gidirfamaa jiru
Baalee bahaa magaalaa Gindhiir keessatti dargaggoonni hedduun funaanamanii hidhamaa kan jiranii fi murtii tokko malees waajjira poolisii magaalaa Gindhiir keessatti hiraarfamaa kan jiran yoo ta’u, dargaggoo Boonsaa kadirii fi Kiyaar Muhaammed jedhaman warren ammaaf maqaa arganne kanneen yeroo dheeraatiif murtii malee hidhaan rakkoo argaa jiraniidha jechuun maddeen gabaasan.
Dargaggoon Boonsaa Kadir magaalaa Roobeetii qabamuun Gindhiiritti geeffamee ji’a shaniif mana hidhaa keessatti dararamaa kan jiru yoo ta’u, qaamonni isa hidhanis haga ammaa mana murtiitti kan hin dhiyeessin jiraanii fi callisanii ilaalaa jiraachuun illee himameera.

