ONM-ABO Caamsaa 20, 2025
Dhiitamuu mirga namoomaa manneen sirreessaa federaalaa fi naannolee keessatti isaan quunnamaa jiruun lubbuun darbaa fi dhukkuboota adda addaaf saaxilamaa kan jiran ilmaan Oromoo torbee darbe irraa kaasee bulchiinsa magaalaa Shaggar Siitii kutaa magaalaa Caffee Tumaa mana hidhaa Abbaa Saamu’eel keessatti rakkoolee jajjaboon isaan quunnamaa jiraachuun beekame.
Hidhamtoonni siyaasaa murtii fudhachuun waggoottan dheeraaf hidhamaa jiranii fi kanneen murtii fudhachuuf beellama qaban mana hidhaa Caffee Tumaa Abbaa Saamu’eel jedhamu keessatti torban darbe irraa kaasee walitti bu’iinsa sanyummaa uumameen kanneen dhalootaan Amaaraa ta’anii fi uummattoota Kibbaa ta’an wal-ijaaruun reebicha ulfaataa ilmaan Oromoo irratti kan taasisan oggaa ta’u, eegdonni moorichaas ta’e jedhanii hidhamtootni kun akka dararaman gochaa jiraachuun ibsame.
Kana malees hidhamtoota siyaasaa kanneen Sabaan Oromoo ta’an warreen ijoo Caamsaa 18, 2025 namoota hedduu mooricha keessaa baasuun gara mana hidhaa federaalaa Baatuutti akka geessan maddeen keessoo sirnichaa ONM’f eeraniiru.
Hidhamtoota fe’aman keessaa muraasni maqaan nu ga’e:
- Baacaa Ittaanaa,
- Warquu Shaganee,
- Waaqumaa,
- Fiqiru Tashoomee fi kanneen biroo akka ta’an ibsameera.
Akkuma walii galaatti rakkooleen mana hidhichaa keessatti hidhamtoota irra ga’aa jiru danuu ta’uun kan himamu oggaa ta’u, nyaata gahaa dhabuu, bishaan dhugaatii dhabuu, tajaajila yaala fayyaa fi bakka ciisichaa dhabuun dararamaa jiraachuun ibsameera.
Sababa tajaajilli gahaa fi qorichoonni gahaan hin jirreef lubbuun nama tokkoo torbee sadii dura kan darbe yoo ta’u, namni kunis maqaan isaa Iyyaasuu Garramoo kan jedhamu ta’uu fi Waggaa 11 hidhamee bahuuf baatiin afur qofti hafuun dabalataan ibsameera.
Kana malees hanqina yaala fayyaatiin Caamsaa 17, 2025 namni maqaan isaa Masfiin jedhamu mooricha keessatti akka du’e himameera.
Baatii afurii gaditti hidhamtoota siyaasaa Oromoo keessaa hanqina yaalaan namoonni afur lubbuun isaanii akka darbes dabalataan ibsameera.

