Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hokkoraa fi ilaalcha sanyummaa mana hidhaa Federaalaa Caffee Tumaa (Abbaa Saamu’eel) keessatti uumame hordofee hidhamtootni siyaasaa Oromoo mana dukkanaatti guuramaa jiraachuun himame

ONM-ABO Fulbaana 8, 2025 

Lola sanyummaa murni Bilxiginnaa qindeessuun uummata Oromoo irratti kallattii maraan diriirsee jiru cimee itti fufuunmana keessatti hidhamtoota siyaasaa Oromoo baay’inaan 8 ol ta’an irratti torbana kana keessa waraansi aalbee mootummaa garboomfataa Bilxiginnaan irratti qindeeffamee raawwachuu hordofee

hokkora mooraa mana hidhaa Caffee Tumaa (Abbaa Saamu’eelitti) jabaatee jiruun namoonni baay’inaan 22 ol ta’an Fulbaana 4, 2025 humnoota shiftoota poolisii Federaalaan mana dukkanaatti darbatamuun ibsame.

  1. Hidhamtootni siyaasaa achi buuteen isaanii dhabame kunneenis Zoonii 2’ffaa irraa:
  2. Xilahun Geetaachoo Goffaa,
  3. Jamaal Nasiraddiin,
  4. Mallasaa Kabbabaa,
  5. Darajjee Asaffaa,
  6. Daawit Salamoon,
  7. Tamirat Tolasaa,
  8. Jamaal (Usmaan)Kadir,
  9. Bashaadaa Ayyaanoo,
  10. Mulaalem Taammiree fi kanneen biroo danuu ta’uun ibsameera.

Hoggantoonni lola kana Oromoo irratti qindeessanis maqaan isaanii:

  1. Inspector Maxxaalem, 
  2. Inspector Amsaluu Kaasayee fi
  3. gargaaraa inspectoraa Habtaamuu Imbaalew yoo ta’an, 

hooggansa walii-galaa Kumaander Allaamirroo irraa akka fudhatanis addeeffameera.

Ajaja hoggantoota kanneenii hojii irra oolchuun ilmaan Oromoo irratti hidhamtootni waraansa kana raawwatan maqaan isaanii:

  1. Akiliiluu Malaakuu,
  2. Makaashaa Biraanuu,
  3. Biiniyaam Geetachoo,
  4. Malaakuu Gabruu oggaa ta’an keessattuu namni 
  5. Akiliiluu jedhamu addatti saba Oromoo irratti xiyyeeffachuun miidhaa yeroo adda addaatti qaqqabsisaa akka tures itti dabaluun ibsaniiru.

Hidhamtoota aalbeen waraanaman keessaa kanneen maqaa arganne:

  1. Toleeraa Dajanee,
  2. Sanyii Baacaa,
  3. Abraham Gabbisaa,
  4. Xilahun Getaachoo ,
  5. Shaashoo Ambassaa fi
  6. Addisuu Fayyee kanneen jedhan akka ta’an beekameera.
Exit mobile version