Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Bulchiinsa magaalaa Shaggar Sitii magaalaa Buraayyuu Aanaa 3’ffaa keessatti hidhamtootni siyaasaa baay’inaan 250 ol ta’an dararaa ulfaataa irra ga’aa jiruun lubbuun darbuu fi miidhaa cimaaf saaxilamaa jiraachuun dhaga’ame 

ONM-ABO Adoolessa 29, 2025 

Bulchiinsa magaalaa Buraayyuu aanaa 3’ffaa keessatti hidhamtootni siyaasaa baay’inaan 250 ol ta’an kanneen murtii hin fudhatin turtii waggaa tokkoo fi baatii 5 kaasee hanga waggaa 4’tti hidhamanii dararaa ulfaataa argaa akka jiran maddeen keessoo sirnichaa ONM’f qoodaniiru.

Itti gaafatamtuu waliigalaa poolisii kutaa bulchiinsa magaalaa Buraayyuu kan taate komiishineera Shittoo, itti aanaa ishee komaander Baay’isaa, itti gaafatamaa aanaa Buraayyuu sadaffaa kan ta’e inispeekter Tashee fi Komaander  Nagaash kan jedhaman wal-ta’uun hidhamtoota siyaasaa maqaa ati seelii WBO’ti, loojistikii WBO’ti, daballee WBO fi waraana WBO’ti jedhuun kutaa haalaan dhiphoo ta’e keessatti namoota baay’inaan hidhanii dhibeef saaxilaa jiraachuun fi baatii 3 dura hidhamtootni siyaasaa 2 mooricha keessatti lubbuun akka darban ibsameera.

Namoonni lubbuun isaanii darbe dhalattoota godina Kaaba Shaggar bulchiinsa magaalaa Salaalee akka ta’anii fi tokko maqaan isaa Obbo Waaqoo kan jedhamu yoo ta’u, inni kan biraan yeroof maqaan isaa hin beekamin jira.

Hidhamtoota siyaasaa kanneen keessatti shamarran baay’inaan 20 ol ta’an kan argaman oggaa ta’u, yakka gudeeddii, ho’insa qaamaa ulfaataa, reebicha ulfaataa irratti raawwachaa jiru dandamachuu dadhabuun mana fincaaniitti baatamanii kan geeffamanii fi hanqina nyaataa isaan mudachaa jiruun cinatti kanneen cancalli sibiilaa harkatti hidhamuun gidirfamaa jiranis danuu akka ta’an itti dabaluun insaniiru.

Exit mobile version