Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Boombii Magaalaa Buraayyuu Waajjira Poolisii Aanaa 1’ffaa Irra Bu’een hidhattootni 3 yoo du’an, Manni Daldalaa Fooniis Achumatti Gubate

ONM-ABO Gurraandhala 19, 2025 

Impaayera Itiyoophiyaa bulchiinsi Bilxiginnaa laaffate keessatti guyyuu sagalee dhukaasaa dhaga’uu fi balaawwan adda addaa daawwachuun waan baratamaa ta’eedha.

Qaamni Bilxiginnaa impaayerattii guutuu keessatti nagaa buusne, erga nuti aangootti dhufnee jijjiiramni ajaayibsiisaan argamee fi baay’ina waraana Dargii ol qabna jedhu keessatti kaleessa Guraandhala 18, 2025 galgala toora sa’a 1:30’tti boombii qaama hin beekamneen Waajjira Poolisii aanaa 1’ffaa magaalaa Shaggar Bulchiinsa magaalaa Buraayyuu kutaa magaalaa Kattaa naannoo mana foonii jiru irratti raawwateen hidhattootni Bilxiginnaa du’uu fi madaa’uun barameera.

Boombii halkan bakka teessuma tiksitoota barcuma Abiy Ahimed irratti raawwateen hidhattootni 3-2 eda galgala 1 ganama kana erga yaalaaf hospitaala galee kan du’e yoo ta’u, 2 ammoo yeroo gabaasni kun qindaa’etti yaala irra jiru.

Qondaaltotni Bilxiginnaa nagaa buusnee jirra, Waraana Bilisummaa Oromoo akka hin jirre gooneerraa fi ni cafaqnaan jechuun waltajjiilee adda addaa irratti Abiy Ahimed, Geetaachoo Guddinaa, Biraanuu Juulaa, Dirribaa Mokonnonii fi kanneen biroon dubbatanis haleellaa kallattii adda addaan qabeenya waraana Bilxiginnaa irratti xiyyeeffatu ittisuu hin dandeenye.

Magaalaa Buraayyuu kutaa magaalaa Kattaa jedhamu kana keessatti boombiin dho’ee loltoota Bilxiginnaa ajjeesee fi madeesseen cinaatti, abiddi qabatee mana daldalaa gubee  jira.

Ibidda hin beekamne naannichatti ka’een manni foonii abbootii qabeenyaa 4 guutuutti gubatee barbadaa’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa magaalaa Buraayyuu irraa adda baasuun danda’ameera.

Bara bulchiinsa Abiy Ahimed, keessumaa baatii Fulbaanaa bara 2024 booda ibiddi dukkaana Markaatoo keessatti ka’ee qabeenya miliyoonataan barbadeesseen dabalatatti Wiixata waaree booda balaan abiddaa guddaan dukkaanota 100 fi manneen jireenya 30 ol gubee Arsii Lixaa magaalaa Nageellee Arsiitti barbadeessuun ni yaadatama.

Exit mobile version