Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hidhamtoonni siyaasaa Oromoo manneen hidhaa impaayerattii keessatti dararaa ulfaataa argaa jiran lagannaa nyaataa taasisuun himame

ONM-ABO Gurraandhala 12, 2025 

Impaayerri Itiyoophiyaa bakka dargaggoonni fi beektonni Oromoo keessatti lubbuu dhabanii fi jiraatti yakka malee maqaa siyaasaa keenyaan faallaa hojjettu jedhuun baroottan dhufaa darbaa hidhaan keessatti hiraarfaman yoo ta’u, hidhamtoonni siyaasaa kanneen sabaan Oromoo ta’anii fi lammiileen biyyoota alaa ji’oota lamaan darban dura mana hidhaa Qaallittii irraa baafamuun gara mana hidhaa abbaa Saamu’eel jedhamutti darbamuu odeessi Arraata Biyyooleessa Oromiyaa qaqqabe ifoomse.

Manni hidhaa abbaa Saamu’eel kunis kan argamu bulchiinsa magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Caffee Tumaatti ogguu ta’u, manni hidhichaas hanqinoota akka bishaan, nyaata, mana fincaanii fi bakka nyaata itti bilcheeffatanis akka qabu odeessi keessoo PP ba’e ni addeessa.

Akka aanga’oonni sirnichaa toora miidiyaalee isaaniitti ba’uun jedhanitti hidhamtootaaf qabiinsa gaarii, barnoota idilee fi barnoota ogummaa gosa garaa garaa kennaafii jirra jechuun kan dubbatanis, garuu faallaa kanaa hidhamtoonni gubannaa keessa akka jiran addeeffameera.

Kanumaan wal qabatees Guraandhala 10, 2025 irraa eegalee hidhamtoonni nyaata lagachuun mormii taasisaa akka jiran addeefameera.

Exit mobile version