ONM ABO, Caamsaa 8, 2023
Irreef gaachanni uummata Oromoo WBOn Zoonii Kaaba Lixa Shaggar tarkaanfii laalessaa Lixa Shaggar Aanaa Jalduu keessatti fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Guyyaa har’aa (Caamsaa 8, 2023) tarkaanfii guggubduu Ona jalduu magaalaa Osolee keessatti diina irratti fudhateen injifannoo boonsaa argatee jira. Humni diinaa 50 ol battalatti ajjeesuun 29 ammoo madoo dandammii hin qabneen adabee jira.
Gama meeshaatiin Qawwee Akm 38 hidhannoo guutuu waliin, PKM 1, Sniper 1 fi rasaasa AKM 5000 dugda diinaa irraa hiikuun dantaa qabsoo Bilisummaa Oromoof oolchee jira. Loltoota diinaa irraa 10 fayyaatti harkaan qabuun kan booji’e ta’uunis beekamee jira.
IUOf

