Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo magaalaa Bishooftuu seenuun tarkaanfii fudhateen diina du’aa fi madoon adabuu beeksise

ONM ABO, Caamsaa 15, 2023

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn, kaleessa Caamsaa 14, 2023 halkan magaalaa Bishooftuu seenuun tarkaanfii laalessaa diina irratti fudhateen du’aa fi madoon adabuun kan hafte ammoo moonaa keessaa ari’ee baasuun meeshaalee lolaa hedduus booji’ee dantaa qabsoof oolchee jira.

Magaalaa Bishooftuu ganda Dirree Jiituu keessatti kan argamu buufata Poolisii Sunshine qajeelcha poolisii 3ffaa jedhamee beekamu irratti tarkaanfiin kan fudhatame yoo ta’u, tarkaanfii kanaanis loltoota diinaa irraa 7 fi tikoota 3 battalatti ajjeesee raayyaa ittisa impaayerittii 10 madoon adabee jira.

Gama meeshaatiin qawwee AKM 10, rasaasa AKM hedduu, boombii harkaa, akkasumas uffataalee waraanaa moonaa diinaa keessaa booji’uun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchee jira.

Mirga Afaan Qawween Dhabne, Afaan Qawween Deebifanna!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version