Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn Birgeedii Caffee Tumaa godina Baha Shaggar magaalota 8 keessatti diina harcaase

ONM-ABO Muddee 25, 2023

Halkan tokkotti WBOn konyaa Baha Shaggar Birgeediin Caffee Tumaa halkan edaa Muddee 24, 2023 magaaloota saddee keessatti tarkaanfii fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Haaluma kanaan Baha Shaggar magaalaa Duukam seenuun tarkaanfii iddoo lamatti mooraa diinaa irratti fudhateen diina irraa bakka lamaaniittiyyuu loltoota 47 du’aan yoo adabuu 86 madoo jajjabduun naaffisee jira.

Gama meeshaa fi qabeenyaan konkolaataa diina 2 fi qodaa diinaa daaressee jira! Hidhannoo fi qawwee AKM Turkii danuu dugda diinarraa hikeera!

Godinuma kana magaalaa Mojoo seenuun haleellaa jajjabduu buufataalee diinaa irratti fudhateen magaalattii guutuu keessaa diina ari’uun diina 12 du’aan adabee 6 madoo dandammii hin qabneen geggeessee jira.

Aanaa Abbuu Seeraa magaalaa Seera seenuun haleellaa akka bakakkaa gaggeesseen mooraa keessaa diina buqqisee ari’uun humna diinaa irraa 4 du’aan adabuun 17 madoo dandammii hin qabneen kotteessee ciibsuun keessaa ba’ee jira.

Baha Shaggaar Liiban Cuqqaalaa magaalaa Adulaalaa seenuun haleellaa rifaasisaa gaggeesseen magaalaa keessaa gugsee baasuun humna diinaa du’aa fi madoon adabee addaan facaasee jira.

Aanuuma kana magaalaa Waanbaraa jedhamtu seenuun diina mooraa qubattee jirtu irratti irree isaa olkaasuun gootichi adabbii barsiisaa kenneefii jira.

Magaalaa xiqqoo mooraan diina jiru Handhoo jedhamtu keessaas gugsuun qulqulleessee jira!

Godinuma sana giddugala oomishaa kan taate magaalaa Maqii seenuun haleellaa gaggeesseen humna diinaa daaraa taasisee milkiin goolabeera.

Magaalaa Botee (Alaamxeenaa) jedhamtu irrattis tarkaanfii korommiiwwan WBO Birgeediin Caffee Tumaa fudhateen adabbii dandammii hin qabneen adabee jira.

Gama meeshaatiin qawwee AKM, Turkii, rasaasa bireenaa fi AKM, boombii fi hidhaannoolee garaagaraa waraana Abiy Ahimed irraa hiikuun galii qabsoof oolchee jira. Lola kana keessaatti kan hirmaatee qondaalli waraana PP komishinaar Shimaallis jedhamu lubbuun darbee jira.

Ilmaan Oromoo waraana diinaa keessaa jirtan waan gatii hin qabneef lubbuu keessan balleessuu dhiisuun akka gara mooraa QBO WBOn geggeeffamaa jirutti dabalamtanii saba keessan tajaajiltaniif irra deebiin waamicha dhiyeessina!

Tarkaanfii WBOn fudhatu jabaatee itti fufa!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version