ONM-ABO Adoolessa 19, 2024
Kibba Lixa Shaggar aanaa Sooddoo Daaccii bakka addaa Gaattiraa jedhamutti Waraanni Bilisummaa Oromoo zoonii Harsadee Birgeediin Caffee Tumaa Cibraan Malkaa Hawaas Adoolessa 16 waraana faashistii PP du’aa fi madoon adabee jira.
Tarkaanfii guyyaa sana ganama sa’atii 12:00 irraa kaasee hanga sa’atii 3:00tti diina sakattaa WBOf jette baate haxxee itti hidhuun fudhateen humna diinaa irraa 22 du’aan yoo adabu 11 madoo cimaan geggeessee jira. Kan hafte du’aa fi madoo ishee fudhattee baattaluma gara magaalaa Taarreetti of duuba deebitee jirti.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗

