ONM-ABO Caamsaa 17, 2023
Hayyootni fi beektotni Oromoo bara dhufaa darbaa waraana impaayerati Itoophiyaan ademsamanii qabamuun fayyaatti achii buute dhabamsifama kan asi ga’an yoo ta’uu, gochootni kanan duraa artiistii Jireenyaa Ayyaana fi Nadhii Gammaada irratti raawwatame bifa addaatiin itti fufee jira.
Godina Jimmaa bulchiisa magaala Jimmaa keessatti Caamsaa 14, 2023 barreessa kitaaba Meetii kan ta’ee Lammeessaa Jammaraa Oljirraa jedhamu bakka eebbii kitaaba isaa itti geggeeffamaa jiru waltajjii irraa qabuun hanga ammatti essaa akka geeffame hin beekamin jiraachuu hiriyoonni isaa himan.
Akka hiriyoonni isaa dubbatanitti barreessaan kitaabaa Lammeessaa Jammaara jedhamu kun nama naamusa fi jalaala uummata isaa kan qabu yoo ta’u, galii kitaabota barreessuu irraa argatuun namoota harka qalleeyyyii ta’aan ittin gargaaruu fi siyaasa kam keessatti hirmaate kan hin bekne ta’uusa ibsuun sababa tokko malee waraana bilxiginnaan ukkaamfamuun isaa sirrii akka hin taane ibsan.
Kana malees waraanni shororkeessaan kun magaala Jimmaa kessaati sabboontoota ilmaan Oromoo adamsaanii qabuun hidhuu fi maqaa WBO waliin hidhata qabduun doorsisanii maallaqa irraa nyaachaa jiraachuu Arraatni Biyyoolessaa Oromiyaa odeeffaate jira.

