Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaa magaala Jimmaa keessatti maqaa Sakatta’insa WBO jedhuun ilmaan Oromoo nagaa mana hidhaatti guuraa jiraachuu jiraattoonni dubbatan

Godina Jimmaa magaala Jimmaa keessatti maqaa Sakatta’insa WBO jedhuun ilmaan Oromoo nagaa mana hidhaatti guuraa jiraachuu jiraattoonni dubbatan.

ONM-ABO Hagayya 17,2022 faashistii Abiy Ahimed Waraanni Bilisummaa Oroomo badeera, sadarkaa impaayeerattiif yaaddoo ta’u irra hin jiru jechuun miidiyaa isaanii irraa ololaa turus maqaa kanaan namoota hidhuu fi dararuun garuu hin dhaabbanne.

Haaluma kanan tarkaanfii WBOn bifa qindaa’an godinoota ollaa Jimmaa kan ta’an Iluu Abbaa Booraa fi Bunnoo Beddellee keessatti fudhacha jirutti na’uun Hagayya 14,2022 irraa kaase namoota shakkan hundaayyuu fuulaa keessantu haaraadha jechuun qabanii Waajjira Poolisii magaala Jimmaatti guuraa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ibsaniiru.

Gareen maafiyaa kun humnoota nageenyaa isaa hundaa dirqiin walitti qabuun lolaaf qopheessaa jiraachuun cinaatti sa’a 1:00 booda sochiin namaas ta’e geejjiibni kan hin hayyamamne ta’uu ibsuun hoteelonnii fi dukkaanni garaagaraas akka cufaman akeekachiisa jiraachuun barameera.

Yeroo ammaa magaala Jimmaa keessatti namoota waraqa eenyummaa of harkaa hin qabnee fi waraqaan eenyummaa isaanii godinoota lixa Oromiyaa ta’e gaaffii tokko male hidhaatti darbaa kan jiran yoo ta’u onoota godinichaa kan biraa keessatti ammoo sakatta’insa WBO jechuun uummata qottoo fi eeboon yaasanii roobaa fi aduun hiraarsaa akka jiran maddeen dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version