Godina Qellem Wallagga Aanaa Jimmaa Horroo keessatti Maatii Qabsaa’ota yoo hidhan Aanaa Gidaamitti konkolaatan rukuchuun Haadha Oromoo tokko ajjeesan.
( ONM-ABO Waxaabajjii 8,2022 )
Maqaa sakatta’insa WBO jedhuun torban kana uummata hiraarsaa kan jiru waraanni sirna PP godina Qellem Wallagga aanaa Jimmaa Horroo ganda Warra Baabboo fi ganda Gomboo keessatti Waxabajjii 6,2022 uummata bakka qonnaatii dirqiin walitti qabuun agabuun waxalaa oolan.
Waxabajjii 7,2022 humni weerartuu kun onuma Jimmaa Horroo ganda Warra Baabboo keessaa maatii qabsaa’otaa fi namoota nagaa hidhata WBO qabdu jechuun namoota hedduu qabanii hiraarsaa jiru.
Namoota qabaman keessa kan maqaa argannee
Obbo Tasfaa Jabaanaa
Obbo Tasfaaye Lamuu
Obbo Geetanee Dhuunfaa
Obbo Xahaa Waltajjii fi kanneen biroo hedduun maqaan nu hin geenye jiraachuu jiraattoonni gamasii dubbisne addeessaniru.
Oduu biraatin ammoo godinuma Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii ganda Burii keessatti Konkolaataa 3f waraana PP baattee fiigduun Waxabajjii 6,2022 haadha Oromoo tokko rukutuun ajjeesu maddeen keenya ibsaniru.
Waraannii sirna balfamaa Atsewootaa kun teessuma aangoo Abiy Ahimed tiksuu qofaaf ilmaan Oromoo godina Qellem Wallagga onoota hedduu keessatti ajjeesaa, hidhaa fi saamaa jiraachuu irra deddeebiin gabaasa turuun keenya ni yaadatama.

