ONM-ABO Fulbaana 11, 2023
Waaroo salphinaa uummatni Oromoo akka sabaatti keessa jiru seenaa kaleessaa fi addunyaa hardhaa keessatti hiriyyaa kan hin qabne yoo ta’u, waraana kaayyoo namtokkee tiksuuf bilxiginnaan Oromiyaatti bobbaaseenis daa’ima harmaatii haga jaarsolii biyyaatti duulli ajjeechaa uummata Oromoo irratti gaggeeffamaa Jira.
Haaluma kanaanis, fulbaana 9, 2023 godina Qellem Wallaggaa aanaa Jimmaa Horroo ganda Warra Baabboo keessatti namni Maammush Ayinaachoo jedhamuun waamamu waraana sirnichaa maqaa sakatta’iinsa WBO jedhuun bobbaafamaniin ajjeefamuun beekame.
Oduu biraatiin, aanaama Jimmaa Horroo ganda Kaabbaa Sayyoo keessatti fulbaana 9, 2023 loltootni sirnichaa abboota maqaan isaanii Abdulkaalid Ahimad, Siraaj Ahimad Fi Kadir Ahimad jedhaman, ilaalcha garaagaraan shakkuun mana hidhaatti gidirsaa akka jiran maddeen Arraata biyyoolessa Oromiyaatti himan.

