Tarkaanfii WBOn godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Kombolchaa fi Daduu keessatti waraana PP irratti fudhachaa jiruun aanaa Kombolchaa guutuutti dhuunfate!
ONM-ABO Caamsaa 17, 2023 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa fudhachuun waraana faashistii PP du’aa fi madoon adabuun aanota keessaa buqqisuu itti fufee jira.
Tarkaanfii boonsaa jajjabeen fudhachaa jiruun jiruun sa’a ammaatti waraana faashistii PP guutuutti aanaa Kombolchaa keessaa buqqisuun qawwee AKM 85, PKM 6, isnaayipperii 3, rasaasa gosa adda addaa 8245, boombii 62, hidhannoo fi uffata waraanaa irraa booji’ee jira.
Lola kanaanis waraanni murna bilxiginnaa 81 yoo du’aan adabaman 100 ol madaa’uun kanneen hafan madoo fudhachuun baqachaa jiru.
Lola godinichuma aanaa Daduu keessatti geggeeffamaa jiruunis qaqqaaliiwwan sanyii Elemoo Qilxuu mooraa gurguddaa aanichaa keessaa baasuun mooraa tokkotti gumeessanii lola jiru.
Aanaa Daduutti lolli kan hin xumuramne yoo ta’u hanga ammaatti loltootni PP 25 ajjeefamuun hedduun madaa’anii jiru. Gama meeshaatiin qawwee jarri gatanii baqatan waliin AKM 35, boombii, rasaasaa fi meeshaalee waraanaa hedduu irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisanii jiru.
Tarkaanfii WBOn fudhatu itti fufa!
Marii jechaa lolaaf bobbaa’anis WBOn waan godhu ni beeka!
Injifannoon Uummata Oromoof!

