Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Aanota godina Booranaa Keessatti saamichi maallaqaa maqaa Buusaa Gonofaa jedhuun jabaatee jira

ONM-ABO Caamsaa 20, 2023

Bulchiinsi abbaa irree Abiy Ahimed waraanaa fi kaabinoota isaa uummatatti bobbaasuun tooftaa ittin maallaqa uummata irraa saaman tolfachuun rakkoo dinagdee fi maallaqaa isa mudate jala dandamachuuf uummata impaayerattii keessatti rakkoo beelaa fi qaala’iinsa jireenyaan miidhamaa jiran irratti maqaa garaagaraan saamicha maallaqaa geggeessaa jiru.

Yeroo itti uummannii Oromoo Hojii qonnaa fi bakka bakkatti socho’ee rakkoo nageenyaaf daldalachuu hin dandeenyetti aanota godina Booranaa keessatti maqaa Buusaa Gonofaa jedhuun saamichi maallaqaa bifa jijjiirrachuun cimee itti fufee jira.

Torbee darbe Irraa eegalee godina Booranaa aanota akka El-wayyee, Goomolee, Yaaballaa fi kanneen akka Taltaallee Keessatti saamichi bifa jijjiirrachuun, maqaa Buusaa Gonofaa jedhuun Maatii tokko Haadhaa fi Abbaa dabalatee tokkoon tokkoon ijoollee Isaanii nama ganna 9 Olii kan ta’e Qarshii dhibba tokko akka kaffalan dirqisiisaa jiru.

Exit mobile version