ONM-ABO Waxabajjii 2, 2023
Humni kaayyoo, naamusaa fi sansakkaa waraanummaa hin qabne waraanni sirna nama nyaataa bilxiginnaa impaayera Itoophiyaa tiksuuf goleelee Oromiyaatti bobba’ee jiru haleellaa suukkaneessaa lammiilee nagaa irratti raawwachuun dachee Oromiyaa bakka qalma qulqullootaa gochuu akkuma itti fufetti jira.
Haaluma kanaan dheengadda Caamsaa 31, 2023 godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Maaxaa keessatti waraanni PP abbaa maatii obbo Admaasuu Tarrafaa Milkee jedhamu badii tokko malee ajjeessanii jiru.
Obbo Adimaasuun abbaa ijoollee sadiiti. Shamarran lamaa fi dhiira tokko kan qabu yoo ta’u, hojii qonnaa isaa hojjatee maatii isaa bulfachuun cinaatti afoosha naannoo isaa keessatti qooda fudhachuun uummata isaa tajaajilaa ture.
Guyyaadhuma ajjeefamu kana illee namni ganda sanaa dhukkubnaan gara mana yaalaatti geessuuf mana irra deemanii osoo uummata dammaqsanii waraanni PP odeessa keenya kennaa jirta jechuun gaaffii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeessanii darban.
Ajjeechaa raawwate kana uummanni naannichaa rifatee walitti birmachuu sodaatee riphee turuun, erga dhukaasni dhaabbatee waraanni gandicha keessa darbee naannootti deebi’uun reeffa kaasanii awwaallachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Waraanni faashistii Abiy Ahimed daandii magaalaa Dambii Doolloo Muggii geessu irratti namoota nagaa ajjeesuu kan aadeffatan yoo ta’u, waraanni gara magaalaa Muggiitti guyyaa dheengaddaa darbe kun kaleessa Waxaabajjii 1, 2023 gara magaalaa Seertumii ykn Shebellitti bobba’uun uummata goolaa akka turan odeessi achii nu qaqqabe ni adeessa.

