Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddugala Kaabaf Kaabaa Lixa Shaggar humna diinaa sakattaaf baate irratti tarkaanfii boonsaa fudhachuu beeksise

ONM ABO Waxabajji 7, 2023

Irreefi gaachanni Ummata Oromoo WBOn Zoonii Giddugala Kaabaafi Kaaba Lixa Shaggar keessatti humna sakattaa WBOf Godina Addaa Naannawaa Finfinnee Sulultaa magaalaa Kanter/mogar/ irraa bobbaatee turte haxxee itti hidhuun rasaasaan bobeessee, baarudaan macheessuun tarkaanfii laalessaa irratti fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Tarkaanfii fudhate kanaan humna diinaa irraa 30 battalatti yoo ajjeesu 25 ammoo madoo dandammii hin qabneen gaggeessuun namoota 12 fayyaatti harkaan qabuun booji’ee jira.

Gama meeshaatiin Qawwee AKM 40, Sniper 2 fi meeshaalee garaagaraa dugda diinaa irraa booji’uun qabsoof galii godhee jira.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version