Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii bahaa aanaa Ammiinyaa keessatti Dargaggoota hedduu murtii tokko malee yeroo dheeraaf hidhuu fi jiraattota doorsisuun jabaate 

ONM-ABO Waxabajji 13, 2023

Ilmaan Oromoo kolonii impaayera Itoophiyaa jelatti ajjeefamuu, hidhamuu, ukkaamfamuun achi buutee dhabamuu fi mirga lubbuun jiraachuu erga dhabanii bubbuleera.

Keessattuu erga faashistii Abiy Ahimed aangootti dhufee waggoottan shanan keessatti ilmaan Oromoo kuma dhibbootaan hidhuu, kuma kurnootaan ammoo ajjeesuu fi qe’ee fi qabeenya irraa buqqisee godaansisuun rakkoo ulfaataa keessatti kuffisuu irratti argama.

Haaluma kanaan godina Arsii bahaa aanaa Ammiinyaa ganda Roqaa gammoojjii irraa, Dargaggoota hedduu kanaan dura yakka tokko malee hidhamanii jiran, mirgi namummaa isaanii kabajamuu dhabuun baatii dheeraaf mana hidhaatti dararamaa jiru.

Dargaggoota kana keessaa kan maqaa arganne; Arabuu Hasan, Aabbuu Jamaal, Haajii Tamuu fi Sa’aad Awwaloo jedhaman dabalatee hidhamtootni hedduun  baatii dheeraaf hidhamuun halkanii fi guyyaa mana hidhaa keessaa gadi baasuun reebuu gochoota xiinsammuu isaanii miidhu irratti raawwachuu fi miidhaa qaamaa irraan ga’aa jiraachuu himu.

Sababa kanaan dargaggoonni kun dhukkubsachuun yaala illee dhabanii haalli fayyummaa isaanii yaaddessaa ta’uu namoonni itti siqeenyaan hordoofaa jiran dubbatan.

kana malees aanaa Ammiinyaa kana keessatti waraanni faashistii Abiy Ahimed qonnaan bultoota Oyiruu qonnaa isaanii keessatti adamsuu fi shororkeessaa kan jiru yoo ta’u, qonnaan bultootni aanichaa hojii qonnaa isaanii seeran akka hin geggeeffanne gochaa jiraachuu jiraattotni Arraata biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Exit mobile version