Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ilmaan Oromoo afur godina Arsii Bahaa aanaa Gunnaa irraa godina Baalee Lixaa aanaa Sinaanaa keessatti hojii dhuunfaa isaanii hojjetatanii jiraatan murna bilxiginnaan qabamuun achi buutee dhabamsiifaman

ONM-ABO Fulbaana 10, 2024

Yeroo itti sabni biraayyuu Oromiyaa keessa galee akka barbaadetti hojjetatee irratti nyaatee dhugee akka barbaade ta’aa jiru keessatti, murni bilxiginnaa ilmaan Oromoo bilisummaa dhowwachuun gandaa fi ilaalchaan qoodee biyya abbaa isaanii irratti hidhuu, achi buutee dhabamsiisuu fi ajjeechaa irratti raawwachaa jira.

Oromiyaa keessatti garee faashistii PP jalatti mirgi uummata Oromoo golee Oromiyaa mara keessatti sarbamaa kan jiru yoo ta’u, namoonni hedduunis achi buuteen isaanii dhabamsiifamaa jira.

Torbee darbe keessa  dargaggoonni maqaan isaanii Anuwaar Siraaj, Mahaammad Kadiroo, Shamsaddiin Amaanii fi Kaalid Huseen kanneen jedhaman dhalattoota godina Arsii Bahaa aanaa Gunnaa ganda Re’ee Ambaa kan ta’an, jiruu fi jireenya isaanii fooyyeffachuuf jecha gara godina Baalee Lixaa aanaa Sinaanaa ganda Amaallama jedhamu keessatti hojii qonnaa hojjechaa akka turan maddeen dubbatu.

Dargaggoonni kunneenis hojii qonnaa qofa irratti bobba’anii hojjechaa akka turanii fi loltoonni kunneenis sababa tokko malee lafa qonnaa isaaniitti itti dhaquun isin eessaa dhuftan jechuun erga bakka dhaloota isaanii gaafataniin booda dargaggoota kanneen ganda dhaloota isaaniin keessaa filuun konkolaataa isaanii irra buufatanii deemuu dubbatu.

Dargaggoonni kunneenis erga qabamanii hanga gabaasni kun qindaa’etti torban tokko kan guutanii fi hanga ammaatti lafti isaan jiran kan hin beekamnee fi maatiin barbaadaa akka jiran dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version