ONM-ABO Waxabajji 14, 2023
Ilmaan Oromoo Oromummaan yakkuun manneen hidhaa Oromiyaa keessa jiran guutuun moonaalee waraanaa akkasumallee mana jireenyaa nama dhuunfaa keessatti hidhuun dararaa kan jiran murni PP, hidhamtoota dhimma siyaasaatti shakkuun ugguranii jiran miidhaa gurguddaafi sarbamiinsa mirga dhala namaa irratti raawwataa jiru.
Haaluma kanaan hidhamtootni ilmaan Oromoo godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambi Dolloo fi moonaalee Waraana PP keessatti WBO waliin hariiroo qabduufi ni nyaachiftan jedhamuun hidhamanii jiran dararaa hamaan isaan irratti raawwatamaa jiraachuu dubbatan.
Dargaggoo Guchoon jiraataa magaalaa Muggii yoo ta’u, WBO deggerta jedhamuun qabamee moonaa waraanaa magaalittii keessatti dhaanamaa turuun harka isaa hidhanii gara magaalaa Dambi Dolloo akka geessan dubbata. Harki isaas yeroo dheeraaf duubatti hidhamee waan tureef, haadi ykn funyoon ittiin hidhame harka isaa lamaan muree seenuun harki isaa akka malee miidhamee akka jiru hiriyyoota isaa isa gaafachuu deemanitti himee jira.
Guchoon akka jedhetti waraanni mootummaa yeroo dhala namaa reebaniifi dararan waan namarraa dhalatan hin fakkaatani, namoota hedduu reebuun caccabsanii qaama hir’uu taasisanii jirus jedhee jira.

