ONM-ABO Waxabajji 17, 2023
Oromummaan yakka ittiin hidhamanii gidirfamuun dhaddacha seeraatti dhiyaatanii murtii adabbii fudhatan ta’uun, keeyyata yakkaa impaayera itoophiyaa keessatti ifatti barraa’uu baatus, waggoota dheeraatiif abbootii irree impaayerattii koloneeffataniin hojiitti hiikamaa kan turee fi har’as bara bittaa koloneel Abiy Ahimed keessattis dhimma itti ba’amaa jira.
Haaluma kanaan handhuura Oromiyaa Finfinnee irraa fageenya kiloometira gabaabaa irratti kan argamtu magaalaa Dukam keessatti, dargaggoota jiruu isaanii jijjiiruuf goleewwan Oromiyaa garaagaraa irraa magaalichatti galuun mana kireeffatanii hojii warshaa fi dalagaa guyyaa birootti bobba’uun jiraatan, sababa tokko malee eenyummaa isaaniin yakkuun tikoonni Bilxiginnaa funaananii achi buutee dhabamsiisaa jiraachuu maddeen magaalattii gabaasan.
Gocha kanaanis Waxabajji 14, 2023 guyyaa keessaa tilmaama sa’a torbaa irratti poolisootaa fi tikoonni PP magaalaa Dukam dargaggoota Addisuu Abbabaa, Roobaa Malkaa fi Araarsaa (Raajii) Guutaa jedhaman mana isaan kireeffatanii jiraatan keessaa butuun achi buutee dhabamsiisuun hanga ammaattillee eessatti akkai geessan adda hin ba’in jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

