ONM-ABO Waxabajjii 23, 2023
Murni bilxiginnaa loltoota isaaf amanamoo ta’an leenjisee bobbaasuun namoota nagaa taayitaa kiyya irratti okkora kaasisu, jibbiinsa kiyya qabuu fi Waraana Bilisummaa Oromoo deggeru jechuun badii tokko malee rasaasaan akka baalaa harcaasisaa jira.
Waraanni lubbuu ilmaan Oromoof marartoo tokko hin qabne kaleessa Waxabajjii 22/ 2023 godina baha Shagar aanaa Booraa keessatti dargaggoota Oromoo 4 jumlaan ajjeessan.
Namootni ajjeefaman maqaa isaanii Maammee Amaanoo, Umar Huseen, Diittaa Fayyoo, Gannaa nama jedhamu ta’uun barameera.
Waraanni faashistii kun baha Shaggar aanota akka Liiban Cuqqaalaa, Boosat, Fantaallee fi Booraa kana keessatti irra deddeebiin ajjeechaa raawwachaa jiraachuun ni beekama.

