Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Wallagga Bahaa Magaalaa Naqamtee keessaatti humnoota mootummaan butaman

SQ-Waxabajjii 23/2023

Sirni nama nyaataa kun ilmaan oromoo duguuguurraa duubatti deebiyaa hin jiru. Dargaggoo maqaan isaanii:-
                    1. Taakkalee Fiqaaduu
                    2. Magarsaa Fiqaaduu
                    3. Caalaa Fiqaaduu jedhaman obboleeyyan sadii jiraattota Magaalaa Naqamtee naannoo #Dirree_Tokkummaa kireeffatanii jiraatan magalaa keessatti qabee ukkaamsuun eessa akka buusan dhabamee jira.

Hidhattootni mootummaa pp kun kibxata Waxabajjii 20/2023 guyyaa toora sa’aa 7:00tti dargaggoota qabanii haga ammaa du’uuf jiraachuun isaanii hin baramiin jira. Manneen hiraarsaa magaalaa sanaa keessaas argamuu hin dandeenye. Qaamotni qaban kun telefoona harkaa dargaggooti kun yeroo ukkaamfaman qabatanii turan irraa fuudhuun yeroo maatiin irratti bilbilan reeffi isaanii hospitaala seenee awwaalameera jecha jedhu deebisu. Namootni waan kana argitan waliif qooduun dargaggoota kanaaf sagalee tahaa, jiraaf du’aa isaanii maatiif saba oromoof ifa baasuuf qooda keessan bahadhaa!!

Exit mobile version