Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Wallaggaa magaalaa Naqamteetti dargaggeessi tokko milishoota gaachana sirnaan ajjeefamuu jiraattonni ONM’tti himan

ONM-ABO Waxabajjii 28, 2024 

Uummatni cunqursa abbaa irree afaan qawween geggeeffamu irratti tokkummaa fi wal dhaggeettiin qabsoos ta’e diddaa geggeessee yoo ofirraa hin kaasin, hireen  ofii isaas  ta’e ilmaan isaa hiraarfamuu fi rasaasa abbootii siyaasaa barcuma isaanii tikfataniin akka baalaa harca’uu ta’a. 

Qabsoon uummatni Oromoo baroota dheeraaf karaa nagaas ta’e hidhannoon qabsa’es akeekni isaa abbaa irree dadhabsiisee bakkaa kaasuu duwwaa osoo hin taane, cunqurfamoota aangoo gonfachiisuu ture. Haa ta’u malee sirni bilxiginnaa qabsoo sabichaa hatee abbaa irrummaa isaa daran hammeessuun ajjeechaa gochaa jiruun tokko tokkoo qe’ee Oromootti gadda uwwisee jira.

Kanumaan kan walqabatus dargaggoo maqaan isaa Fiqaaduu Guddinaa jedhamu dhalootaan Lixa Wallaggaa aanaa Noolee kan ta’e barnootaaf godina Baha Wallaggaa magaalaa Naqamtee kan jiraatu ganda 03 bakka addaa Jiituu naannoo Koondominiyeem  barsiisotaatti milishoota gaachaana sirnaan ajjeefamuun himameera.

Dargaggoo  Fiqaaduun kan ajjeefame Waxabajjii 26, 2024 galgala naannoo sa’a 12:00’tti yoo ta’u, bakka quunnamtii interneetii Wi-fi taa’ee fayyadamaa jirutti qorannoo tokko malee ajjeefamuus jiraattonni ibsan.

Yakki loltoonni koloneel Abiy Ahimed Oromoo irratti gochaa jiran, namni badii qabaatee osoo hin taane ajjeesuun sodaachisanii uummata Oromoo bulchuu qofaaf akka ta’es jiraattonni  ajjeefamuu Fiqaaduu argan miira gaddaan ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version