Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Sirni abbaa irree impaayerri Itoophiyaa, tooftaa bara dhuftu ittiin sagalee bitachuun aangoorra bulan baafachaa jiraachuun barame

ONM-ABO Waxabajjii 14, 2024

Carraa argatetti fayyadamee qabsoo uummataa butuun  aangootti kan ba’e bilxiginnaan, aangoo karaa qaxxaamuraan maqaa uummata Oromon argate hundee irraa jabeeffachuun turtii isaa dheereffachuuf ammas tooftaa adda addaa baafachuun sagalee mijeeffachuuf tattaafachaa jira.

Haaluma kanaan akka hojjetaan paartii badhaadhinaa tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf yaada isaa ibse jedhetti, filannoo bara dhuftuuf haala mijeeffachaa jiru.

Kunis tolaanis ta’e dirqamaan, gama waraanaanis ta’e sektera mootummaa hunda dafnee xumuruun harka galfannee teenya jechuun lafa jala fiigaa jiru jedha hojjetaan kun.

Hojjetaan paartii kanaa maqaan isaa akka dha’amu hin barbaanne kun, yeroo ammaa hojjetoota mootummaa seektera hundaarra jiran bakkuma jiran taa’anii online miseensummaa guutan, kan guutan ammoo godina beeksisuun, godinni ammoo paartii badhaadhinaa Oromiyaaf akka dabarsu gochuun  dirqamsiisanii lafa jala haafaa fi baala walitti haraa jiru.

Kanneen didan hojiirraa sababa adda addaa itti maxxansuun akka ari’uuf jiran iccitiin keessoo isaanii ba’e kun ni addeessa.

Dargaggoota dirqiin gara leenjii waraanaatti ergaa turan malee kaabinootatti maallaqni hiramee nama tokko hanga qarshii 2,000’tti maallaqaan sossobanii, goyyomsanii dirree waraanaatti guuraa turan.

Kaabinoota kana hin raawwanne ykn nama hanga inni fidu itti himuun, ta’uu yoo baate dirqiin sodaachisaa jiru.

Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu keessatti akka fakkeenyaatti Andu’aalem Taaddasee itti gaafatamaa Nageenyaa fi Bulchiinsa  aanichaa kan ta’ee fi Gammachis Sirriiqaa bulchaan aanichaa hanga jedhame guuttachuu dadhabuun raafamanii yeroo watwaataa turan dubbatu.

Kun ammoo akka uummatni abdii irraa hin qabne hubachuun gama waraanaanis ta’e hojjeetoota isaa fayyadamee aangoo irra bubbuluuf akka jiruu mul’isa malee hawaasichaaf nagaa waaraa fiduun boqonnaa haaraatti ce’uuf kan deemu miti jechuun paartiilee isaan morman hundallee afaan qabachiisuuf deemaa jira jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.

Exit mobile version