ONM-ABO Waxabajjii 24, 2023
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abaaboo Guduruu fi Kombolchaa keessatti tajaajilli ibsaa dhabamuun uummanni rakkoo hamtuu keessa galee jira.
Uummanni aanota lameenii midhaan nyaataa lafa itti daakkatu dhabuu fi manneen yaalaan rakkoo keessa akka jiran kan nuuf himan maddeen, rakkoon kun akka furamuuf irra deddeebiin gaafatanis deebii ga’aa argachaa hin jirani.
Tajaajilli ibsaa aanota lamaan kana keessatti ciccitaa ta’uun kun jiruu fi jireenya iddilee hawaasichaa irratti dhiibbaa geessisaa jiraachuus dabaluun himu.
Tajaajila ibsaan alattis dhiibbaan, doorsisni, saamichi fi hidhaan waraana bilxiginnaan uummata Oromoo irratti raawwatus daangaa darbuu dubbataniiru.

