• Tue. Jan 13th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Kombolchaa fi Abaaboo Guduruu keessatti murni bilxiginnaa tajaajila dhorkuun rakkisaa jiraachuun barame

Jun 24, 2023

ONM-ABO Waxabajjii 24, 2023

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abaaboo Guduruu fi Kombolchaa keessatti tajaajilli ibsaa dhabamuun uummanni rakkoo hamtuu keessa galee jira.

Uummanni aanota lameenii midhaan nyaataa lafa itti daakkatu dhabuu fi manneen yaalaan rakkoo keessa akka jiran kan nuuf himan maddeen, rakkoon kun akka furamuuf irra deddeebiin gaafatanis deebii ga’aa argachaa hin jirani.

Tajaajilli ibsaa aanota lamaan kana keessatti ciccitaa ta’uun kun jiruu fi jireenya iddilee hawaasichaa irratti dhiibbaa geessisaa jiraachuus dabaluun himu.

Tajaajila ibsaan alattis dhiibbaan, doorsisni, saamichi fi hidhaan waraana bilxiginnaan uummata Oromoo irratti raawwatus daangaa darbuu dubbataniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading