Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensotni waraana bilxiginnaa 2 godina Lixa Shaggar aanaa Jibaat keessatti WBOtti harka kennatan

ONM-ABO Adoolessa 1, 2023

Ilmaan Oromoo dirqii fi goyomsaan qe’ee maatii isaanii irraa murna faashistii PP’n qabamuun leenjii waraanummaa fudhatanii akka barcuma siyaasaa Abiy Ahimed tiksaniif bobbaafaman, daba sirnichi lammii isaanii Oromoo irratti raawwachaa jiru ilaaluu dadhabuun gananii ba’uu itti fufan.

Haala kanaanis Roobii darbe Waxabajjii 28, 2023 godina Lixa Shaggar aanaa Jibaat keessaa miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 2, qawwee AKM Turkii 1, dachaatuu 1, rasaasa 400, boombii 2, hidhannoo 2 fi ujummoo bireenii 1 mooraa diinaa keessaa baasuun, mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisanii jiru.

Miseensota waraana bilxiginnaa qawwee fidanii gara qabsoo bilisummaa Oromootti dabalamaniin baga nagaan dhuftan kan jedhan ajajaan WBO naannichaa, murni bilxiginnaa isiniin akka uleetti qabatee uummata keenya dararaa jiras jedhan.

Dhuma irrattis miseensotni kun, simannaa taasifameefitti gammaduun, ilmaan Oromoo mooraa diinaa keessatti hafan, qawwee fi hidhannoo isaanii waliin sirnicha ariitiin gananii WBOtti akka makaman dhaamsa dabarsaniifii jiru.

Exit mobile version