Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn godina Gujii Lixaa aanaa Surroo Barguddaa keessatti tarkaanfii fudhate

ONM-ABO Waxabajjii 30, 2023

Waraanni Bilisummaa Oromoo WBOn zoonii kibbaa konyaa Gujii lixaa aanaa Surroo Barguddaa ganda Makkalaa Hidha Kormaa keessatti har’a Waxabajjii 30, 2023 tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhateen waraana faashistii Abiy Ahimediin baay’ee isaanii du’aa fi madoon adabuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Kanneen ajjeefaman keessaa humnootni tikaa aanichaa kan keessatti argaman yoo ta’u, lola kanaanis qawwee AKM 1 hiikkatuudhaan galii dantaa qabsoo bilisummaa Oromootiif oolchee jira.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version