Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti manneen namootaa diiguu itti fufan 

ONM-ABO Adoolessa 5, 2023

Murni faashistii PP maqaa magaalaa guddisnaan manneen armaan dura beekamtii seeraa kennanii fi yeroo ijaaranii waggaa shanii ol keessa jiraatan callisee ilaalaa ture, maqaa  seeraan ala akkasumas misoomaaf barbaanneen yeroo osoo hin kenniniif hawaasa jalaa diiguu itti fufee jira.

Haaluma kanaan kaleessa Adoolessa 4, 2023 bulchiinsa magaalaa Buraayyuu bakka Aannee Diimaa jedhamu keessatti manneen namoota hedduu diiganii jiru.

Caasaan bilxiginnaa humnoota waraanaan dabaalamuun hawaasa qabeenya qabu cufa itti baasuun manneen ijaarratan jalaa diiguun meeshaalee isaanii alatti kan baasaniif yoo ta’u, bakka tokko tokkotti ammoo osoo meeshaalee mana keessaa gadi hin baasin irratti diigaa turan.

Magaalaa Buraayyuu kana keessatti baatii Bitootessaa irraa qabuun gandoota magaalaattii cufa keessaa manneen hawaasaa diiguun maatii kan bakkeetti facaasan yoo ta’u, sababa maatiin rakkoo da’oo jireenyaa keessa galaniif fala dhabuun namootni 2 of ajjeesuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Exit mobile version