ONM-ABO Adoolessa 5, 2023
Murni faashistii PP bu’aa siyaasaaf jecha piroojektoota qulqullina hin qabne eebbisiisuun tajaajila akka laatan taasisuuf, guyyaa sana oduu miidiyaa irratti hojjechuu fi suuraa waliin ka’uun alatti walitti fufiinsaan tajaajila kennuu hin danda’u.
Torbee darbe keessa bakka obbo Fiqaaduu Tasammaa argamanitti kan eebbifame bishaan godina Arsii Lixaa aanaa Gadab Asaasaa magaalaa Asaasaa, tajaajila ga’aa hawaasa magaalattiif kennuu dadhabuun hawaasni komee kaasaa jiraachuun barameera.
Akka jiraattotni magaalaa Asaasaa dubbatanitti tajaajilli bishaan dhugaatii magaalattiif hojjetamaa ture, maallaqni isaa caasaa bilxiginnaa fi konteraakterii gidduutti nyaatamaa waan tureef, guyyaa eebbaa sana ijaarsa hin xumuramin eebbisiisuu dubbatu.
Inumaayyuu guyyaa sana akka aanga’onni Oromiyaa irraa dhufan hin argine jechuun ujummoo bishaan magaalattii dabarsu kan hin xumuramin, qonnaan bulaa tokkoof maallaqa kaffaluun ooyiruu isaa keessatti akka dhangala’u gochuu isaanii ibsu.
Murni faashistii PP guyyaa eebbaa bishaan sirnaan hin hojjetamne kan taasisan irratti hawaasa duratti Waraana Bilisummaa Oromoo hadheessuu fi uummatni aanichaa bilxiginnaa waliin akka jiran ibsuuf yaalanis uummatni harkatti busheessuu jiraattotni dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

