ONM-ABO Onkoloolessa 9, 2023
Loltoota, milishootaa fi kaadirootni Biltsiginnaa akeekaa fi sagantaa akkasuma tarsiimoo dheeraa mullatni isaa uummata Oromoo hawaas-diinagdeen cabsanii impaayerattii jalatti jilbeenfachiisuu ta’e milkeessuuf bobba’aan uummata nagaa irratti saamicha jabeessaa jiru.
Onkoloolessa 5, 2023 godina Arsii lixaa aanaa Gadab Asaasaa keessatti waraanni PP sochii namootaa fi konkolaataatti daangaa gochuun dhaadannoo nuti sanyii Awwal Abdiiti kanaaf jiila isa waliin dhufeef baanee simannaa gochuufii qabna jedhuun hawaasa waltajjii Kan baasanii fi bakka waltajjii sanattis akka hawaasni ba’ee nuti WBO hin barbaannu jedhu ajajanis haawasni jalaa callisnaan miidiyaa duratti nu salphistan jechuun adabbii maallaqa qarshii 2000 tokkoo tokkoo namootaa irraa fuudhuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka hirmaattotni waltajjii sanaa nuuf himanitti magaalaan Asaasaa nageenyaan bakkoota Kam dursuu qabdi waraana bilisummaa Oromoo fi deggertoota isaanii of keessaa hin baastan taanaan dhiibbaan sichi isin irratti raawwatu daran guddaadha jechuunis doorsisaa turuun beekame.

