Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawwee Haarawaa keessaa namoota hidhuu jabeessan

ONM-ABO Adoolessa 5, 2023

Ilmaan Oromoo kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaalee garaagaraa keessatti waraana faashistii PP’n qabamanii hidhamuun dararamaa jiru.

Haala kanaanis aanaa Daawwee Haarawaa ganda Buukkoo irraa guyyaa dheengaddaa Adoolessa 3, 2023 ilmaan Oromoo hedduu Oromummaa isaanii qofaaf qabanii hidhaatti darbatanii jiru.

Namootni waraana faashistii kanaan qabamanii hidhaman Ahimed Hasanee, Damma Qullee Abduu, Abduu Abraahim, Abdooyyee Gojobee, Abduu Yasuuf, Ahimed Huseen, Mahaammad Idiris, Mahaammad Muusaa, Abduu Mohammad, Huseen Abduu, Abduu Idiris, Abdooyyee Hasaan, Seyidoo Idiris, Zaharaa Mohammad, yoo ta’u ganda Qilleentii irraa Aliiyyi Mahaammad Hasan, Mahaammad Abdallaa ganda Uranee Salaamaa irraa Huseen Adamee, Amduyyee Mudessir, Kadijjaa Muusaa, Kadijjaa Adam ta’uun barameera.

Kana malees aanichuma keessaa namoota akka Huseen Adamee, Mahaammad Ahimed, Umar Abbaa Ahamuu, Bayyaan Mohaammed fi Abduu Mohaammed ta’uu maddeen godina Walloo Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Exit mobile version