Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawwee Haarawaa keessatti hidhaan jabaachuun dhaga’aame

ONM-ABO Waxabajji 26, 2023

Ilmaan Oromoo dirqiin eenyummaa isaanii akka hin guddifannee fi obboleeyyan isaanii waliin akka hin jiraanneef mootummaa naannoo Amaaraa jala galfamanbOromoonni Walloo, waraana faashistii PP fi finxaaleyyii Amaaraan miidhaan jajjabaan irra ga’aa jira.

Haaluma kanaan Sanbata darbe Waxabajji 24, 2023 waraanni faashistii PP maqaa sakatta’iinsaan godina Walloo aanaa Daawwee Haarawaa ganda Uraanee Salaamaa irraa qonnaan bultoota siyaasa kam irraa iyyuu bilisa ta’aan Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu jechuun hidhanii jiru.

Namootni hidhaman kunis maatii tokko keessaa abbaa fi ilma Yaasin Umaree ilma isaa Aliyyii Yaasin Umaree, Usumaan Ahimad, Miraa Mahaammad Ibraahim, Muusilee Adam Mahaammad fi Abduu Huseen Lubee kan jedhaman badii tokko malee ilmaan keessantu WBO keessa jira jechuun reebicha irratti geggeessuun hidhanii dararaa jiru.

Godina Walloo aanota adda addaa keessatti murni bilxiginnaa duula uummata qawwee hiikkachiisuuf geggeessuun cinatti hidhaa, saamicha, reebichaa fi gudeeddii waraana isaa fi finxaaleyyii Amaaraan irratti raawwachisaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version