ONM-ABO Adoolessa 14, 2023
Murni dararaa fi gidiraa ilmaan Oromoo Oromummaa isaaniin yakkuun irratti raawwachuu dalagaa guyyaa godhate kaaba Oromiyaa godina Walloo aanota adda addaa keessatti rakkoo jajjabduu uummata irraan ga’aa jira.
Dheengadda Adoolessa 12, 2023 godina Walloo aanaa Daawwee Haarawaa ganda Buukkoo keessatti waraanni faashistii PP maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachiftu jedhuun manneen namoota hedduu guban.
Manneen gubatan kun qabeenya mana keessaa guutuu waliin yeroo ta’u, re’ee, hoola, jabbiiwwaan akkasumas midhaan ardaba 120 ol ta’u gubachuun jireenyi hawaasichaa manca’ee jira.
Warreen manni isaanii jalaa gubate keessaa muraasni Usmaan Mohaammad, Mohaammad Usman abbaa fi ilma yoo ta’an Ibraahim Yoosoo, Abduu Doorii, Sayid Abduu fi Haadha Hayaat kanneen jedhaman illee warreen miidhaan kun irra ga’e keessaa tokko dha.
Warrootni diinaaf ulee ta’uun uummata nagaa irratti miidhaa geessisaa jiran Abdoo Mahaammad Sayid, Abulqaadir Awwal, Abdallaa Ahimad fi Huseen Wad Ibraahim kanneen jedhaman ta’uu odeessi Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe ni addeessa.

