Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni faashistii PP kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawwee Haarawaa keessatti daa’ima tokko ajjeessan 

ONM-ABO Adoolessa 25, 2023

Gareen faashistii PP ilmaan Oromoo waraana isaa itti bobbaasee ajjeessuu itti fufuun kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawwee Haarawaa keessatti daa’ima tokko ajjeessan.

Kaleessa Adoolessa 24, 2023 aanaa Daawwee Haarawaa bakka Ajoo jedhamutti daa’ima waggaa 7 maqaan isaa Ammaar Mahaammad jedhamu  rasaasaan rukutuun lubbuu isaa dabarsanii jiru.

Daa’imni waggaa 7 kun ilaalcha siyaasaa tokko qabaatee osoo hin taane, jibbiinsa Oromummaa qabaachuu hidhattoota impaayerattii irraan kan ka’e irbaata rasaasaa akka ta’e kan dubbatan maddeen, waraanni faashistii kun ol adeemtotaa fi warreen qaroo sabaa ta’an xiyeeffatanii ajjeessaa akka jiranis barameera.

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaalee adda addaa keessatti fedhii lafa babal’ifannaa finxaaleyyii Amaaraa irraan kan ka’e lubbuu ilmaan Oromoo hedduun darbaa  fi qabeenyi manca’aa kan jiru yoo ta’u, qaamni aangoo siyaasa impaayerattii of harkaa qabu rakkoo uummata Oromoo kana furuu irra dabalataan waraana itti bobbaasuu hojii godhatee jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version