ONM-ABO Waxabajji 28, 2023
Murni faashistii PP ilmaan Oromoo Walloo warreen fedhii lafa babal’ifannaa qaban, finxaaleyyii Amaaraa fi dantaa siyaasa sirnichaaf kanneen hojjetan poolisoota humna addaa Affaariin yeroo yerootti osoo haleelamuu, rakkoo kana keessatti qawwee isaan ittiin of tiksuuf bitatanii waggoota dheeraaf qabatan dirqiin irraa guuruu itti fufanii jiru.
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawwee Haarawaa gandoota cufa irraa qonnaan bultoota qawwee qaban adamsuun qawwee isaanii fudhachaa jiru.
Warreen meeshaan irraa fuudhame keessaa muraasni Qaasim Butaa, Maammannuur Siraaj, Aliyyii Siraaj, Mahaammad Abduu, Ahimed Huseen, Mahaammad Yasuufee, Yasuufee Ahimed Callaa, Mohaammad Amiin Usmaan fi Indirroo Abduuti.
Warreen mana dhaban maatii isaanii guutuutti hidhuun maqaa adda addaa itti maxxansanii ajjeechaaf doorsisaa akka jiran barameera.
Kana malees aanicha keessatti qonnaan bultoota siyaasa kamuu keessaa hin qabne Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu jechuun hidhaa kan jiran yoo ta’u, Waxabajji 25, 2023 bakka addaa Bukkoo jedhamu irraa Tamiimaa Hussoo haadha Abduu kan jedhamtuu fi kanneen biroo hedduun hidhamanii jiraachuu odeessi achii nu qaqqabe ni addeessa.

