Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa  Fursee keessatti manneen qonnaan bultoota hedduu gubachuun barbadaa’e

ONM-ABO Adoolessa 3, 2024

Yaaddoo jabaa uummata Oromootti uumee kan jiru koloneel Abiy Ahimed yeroo ammaa maqaa WBO balleessina jedhu da’oo godhachuun hawaasa irratti  miidhaa jajjabaa taasisuun namoonni hedduun manaa ala ta’anii jiruu bakkee fi gadadoof saaxilamanii jiraachuun kan beekamuudha.

Keessattuu uummanni Walloo uummata humnoota finxaaleeyyii Amaaraan duguuggaan sanyii irratti raawwatamaa turee fi itti jiru, murni bilxiginnaas humnoota kanneen tumsuun duula gubaatii manneenii fi ajjeechaa irratti adeemsiisaa jira.

Guyyaa dheengaddaa jechuunis  Adoolessa 1, 2024 aanaa Harxummaa Fursee ganda Faallee keessatti namoota maqaan isaanii; abbaa fi ilma  Muusaa Hasuu fi ilma isaanii Ahimed Muusaa Hasuu jalaa mana 3, ganda Misiidaa keessaa; Ahimed Mahaammad Adamuu, Adam Maammoo, Ahimed Mahaammad, Ahimed Mahaammad Jibriil, Mahaammad Adamuu kanneen jedhaman jalaa mi’a mana keessaa waliin jalaa gubanii barbaadeessuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan. 

Guyyuma dheengaddaa  Adoolessa 1, 2024 ganda Leedii keessaa abbaa fi ilmaa Husseen Daawwee, Ahimed Huseen Daawwee, Hasan Huseen Daawwee jalaa midhaan kuntaala  30 waliin mana guban. 

Ganduma Leedii keessaa  doqdoqqee Usumaan Dilbuu tokko yoo guban, Huseen Dheeraa jalaa re’ee 2, Hasan Mahaammad jalaa re’ee 2  gandichuma keessaa qalatanii nyaataniiru.

Akka jiraattotni kunneen jedhanitti uummata kana lafa irraa duguuguuf karoora jabaan itti deemaa jirus jedhan. 

Exit mobile version