Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Furseetti hidhaan jabaachuun barame

ONM-ABO Fulbaana 1, 2023

Dheengadda Hagayya 30, 2023 Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee ganda 06 keessatti waraanni faashistii PP maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu jedhuun uummata nagaa irratti reebicha hamaa geggeessuun hidhaatti guuruu itti fufee jira.

Namoota faashistoota Abiy Ahimediin hidhaman keessaa muraasni Ahimed Gurree, Aliyyii Ahamoo, Muusaa Ahimed, Aminaa Hasuu, Muusaa Adam, Mahaammud Hasan kanneen jedhaman yoo ta’an, aanaa Harxummaa Furseetii qabamuun mana hidhaa Caffaa Roobit keessatti hidhamanii jiraachuun barameera.

Oduuma wal fakkatuun gaafuma Hagayya 30, 2023 aanaa Baatee ganda Idaa keessaa nama maqaan isaa Abduu Aliyyee jedhamu WBO nyaachista jechuun hidhanii dararaa akka jiran maddeen kan himan yoo ta’u, ilmaan Oromoo godina Walloo keessatti gama tokkoon humnoota finxaaleryyii Amaaraan gama biraan ammoo waraana tiksitoota impaayera Itoophiyaan dararamaa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version