Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni faashistii PP godina Lixa Shaggar aanaa Jalduu keessatti nama tokko ajjeesan

ONM-ABO Adoolessa 5, 2023

Murni garboomsaan PP akeeka  bara dheeraaf Oromoo cabsee aangoo irra turuu qabuuf jecha ilmaan Oromoo aangoo kiyya irratti namni nama kakaasu jedhee yaadu gocha isaanii malee xiyyeeffatee ajjeesuu itti fufee jira.

Haala kanaanis dheengadda galgala Adoolessa 3, 2023 loltootni faashistii PP Abiy Ahimediin Oromiyaa dirree dhiigaa taasisuuf bobbaafaman Lixa Shaggar aanaa Jalduu magaalaa Galeessaa keessatti dargagoo Darajjee Abdiisaa jedhamu mana hidhaatii baasuun ajjeesanii reeffa isaa bineensa nyaachiisuu maddeen himan.

Waraanni faashistii kun aanaa Jalduu kana keessatti ajjeechaa sukkanneessaa, saamicha maqaa gibiraan akkasumas, hidhaa namoota nagaa irratti jabeessanii jiru.

Ajjeechaan waraanni faashistii kun namoota to’annoo seeraa jala jiran mana hidhaa keessaa baasanii ajjeesanii gatuun kun Oromiyaa bakkoota cufa keessatti baratamaa waan ta’eef namootni yeroo badii malee qabamanii hidhaman, maatiin yaaddoo keessa akka galan yaada namoota irraa dhagaa’amu irraa hubachuun ni danda’ama.

Exit mobile version