Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni faashistii PP ajjeechaa, qabanii dhabamsiisuu fi saamicha godina lixa Shaggar aanaa Jalduu keessatti hammeessuun barame 

ONM-ABO Adoolessa 11, 2023

Gareen maafi’aa PP Adoolessa 9, 2023 godina Lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Edemsaa Galaan bakka addaa Qooftuu jedhamtu keessatti qeerroo Oromoo Biraanuu Raggaasaa Galatoo jedhamu ajjeesan.

Qeerroo Biraanuun haati dhala hin qabne kan guddifatte yoo ta’u, fuula ishee duratti osoo isheen sabbata hiikkatee maaloo hin ajjeesinaa isa malee hin qabuu osoo jettuu afaan keessa rasaasaan rukuchuun ajjeesanii boollatti gatuun reeffi akka hin kaanes dhorkan.

Kana malees gandichuma keessatti qeerroo Tashoomee Warqiyyee  dargaggeessa umrii 25 fi  qeerroo Mangistuu Diroo umrii 24 guyyuma sana ajjeessan.

Waraanni faashistii kun obbo Abdiisa Daksiisaa, obbo Biraanuu Girmaa, obbo Bojaa Guddisaa, qeerroo Baalchaa Tolasaa, qeerroo Hirphaa Taaddasaa, qeerroo Raggaasaa Galataa fi qeerroo Luuccoo Takkaallenyi jedhaman qabuun achi buutee dhabamsiisanii jiru.

Maanguddoo Milkeessa Gonfaa nama umrii 70, maanguddoo Takkaalleny Lataa – umrii 65, obbo Guddataa Asaffaa fi obbo Iraasuu Damee kanneen jedhaman irratti ammoo reebicha geggeessan.

Faashistii kun saamicha jabaas kan gaggeessan yoo ta’u, Jifaara Dabalaa jalaa kuma sadii fudhachuun ajjeesuuf itti dhukaasanii fiige jalaa ba’ee jira.
Kafanaa Barsiisa jalaa mana seenanii kuma 4 fudhachuun, manneen uummata biroo keessaa mi’a mana keessaa dabalatee huccuu, kophee fi bilbila hedduu saaman.

Waraanni faashistii PP miidhaa  kana kan qaqabsiisan magaala guddoo aanaa Jalduuti ka’uun ganama osoo uummanni ciisaa hin ka’iin manatti marsuun yoo ta’u, miidhaa kana waraana bilxiginnaa waliin ta’uun kanneen gocha kana dalagsiisan bulchaa ganda Edemsaa Galaan kan turee fi yeroo ammaa Milishaa ta’uun hidhatee waraana sirnichaa waliin kan socho’u Obboo Alamuu Calqabaa fi  milishaa ganda Koluu Galaan kan ta’e Urgee Calqabaa ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


Exit mobile version