ONM-ABO Adoolessa 14, 2023
Caasaan waraanaa murna bilxiginnaan impaayerattii akka tiksaniif bobbaafaman nageenya uummataa booressuun lubbuu namootaa fi miidhaa qaamaa geggeessaa oolu.
Kibxata darbe Adoolessa 11, 2023 godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Allee magaalaa Goree keessatti poolisiin humna addaa tokko dargaggoo maqaa isaa Mu’addiin Suufiyaan Musxafaa jedhamu doqdoqqeedhaan maatii isaa fe’atee osoo deemu, poolisichi harkatti qabeen doqdoqqeen kuftee miidhaa qaamaa dargaggoo kanaa fi maatii isaa irraan geessee jirti.
Poolisiin kun nama nagaa doqdoqqeen daandii isaa qabatee deemaa ture irratti gocha seeraan alaa raawwachuu isaatti kan gaddan uummatni magaalichaa poolisichatti okkora kaasuun reebicha irraan ga’an.
Namuu hanga danda’e hixatee rukuteen lafatti erga kuffisaniin booda, poolisootni yaa’anii uummata humnaan reebichaa irraan ga’anii tamsaasuun poolisicha gara hospitaala Kaarlii magaalaa Mattuutti argamutti geessanii yaalamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

