ONM-ABO Adoolessa 17, 2023
Waraanni faashistii PP waggoottan shanan aangoo irra jiru kana keessatti qe’ee ilmaan bakka yaaddoo, boo’ichaa fi saamichaa gochuun uummatichi siqiqiin akka jiraatu akkasumas naannoo isaa irraa akka godaanu taasisee jira.
Torbee darbe Adoolessa 11, 2023 godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Allee magaalaa Goree keessatti poolisiin humna addaa tokko dargaggoo doqdoqqee oofaa ture doqdoqqee harkatti qabeen doqdoqqeen kuftee miidhaa qaamaa dargaggoo kanaa fi maatii isaa irraan geessee okkorri uumamee ture.
Okkora badii poolisii kanaan uumameen poolisichi gaafatamuu dhiisee namoota birmannaa dhaqan barbaadanii qabuun mana hidhaa buufata poolisii aanaa Allee keessatti dararaa jiru.
Hidhaa badii tokko malee Kibxata darbe magaalicha keessatti eegaleen kanneen hidhaman hedduu yoo ta’an, achi keessaa haati warraa Rashiid Musxafaa jedhamtuu keessatti argamti.
Dubartiin kun hidhamteef abbaa manaa kee fidi waan ittiin jedhaniif yoo ta’u, namootni biroo hedduun ammoo hidhaa dabaa kana baqachuun naannoo gadhiisanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

